Bara oomishaa kana lafti hektaarri miiliyoonni 3.4 kilaasteraan ni misooma – BQQUO

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC) – Bara kana Qonna Gannaan lafa hektaara miiliyoona 6.3 misoomu keessaa hektaarri miiliyoonni 3.4 kilaasteraan kan misoomu ta’uu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksiise.
Jilli itti aanaa hogganaa Biiroo Qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa obbo Guutuu Gammachuun durfamu Godina Arsii Aanaa Heexosaatti facaasaa sanyii qamadii gaggeeffamaa jiru daawwateera.
Aanichatti Kilaastera Fayyisaa Buttaarratti lafa Hektaara 230 irratti abbaan warraa 81 qamadii Teeknooloojii qonna tiraakteera gargaaramuun facaasaa jiru jedhame.
Bara kana akka Godina Arsiitti lafa heektaara kuma 590 ol oomisha gara garaan uwwisuuf hojjatama jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumama Godinichaa obbo Gannaa Mohaammad himaniru.
Obbo Geetuunis,bara kana oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 6.3 misoomu keessaa hektaarri miiliyoonni 3.4 kilaasteraan kan misoomu ta’uu himaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment