Bara Oomishaa kana lafa sanyiin uwwifame keessaa hektaarri miiliyoonni 6 ol Kilaasteraan misoomuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Bara Oomishaa 2015/16 lafa hanga ammaatti sanyiin uwwifame hektaara miiliyoona 13 fi kuma 193 ol keessaa Hektaarri miiliyoonni 6 fi kumni 819 ol Kilaasteraan Misoomuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Ministeerichi raawwii hanga ammaatti jiru ilaalchisee ibsa laateera.

Bara oomishaa kana naannolee hunda keessatti lafa hektaara miiliyoona 17 fi kuma 390 ol qotuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 16 fi kumni 538 ol qotamuu ibseera.

Lafti hektarari miiliyoonni 13 fi kumni 193 fi 219 sanyiin uwwifamuu eeruun, lafa sanyiin uwwifame keessaa hektaarri miiliyoonni 6 fi kumni 819 fi 674 kilaasteraan misoomuu ibseera.

Qonna Arfaasaan lafa hektaara miiliyoona 2 fi kuma 691 ol sanyiin uwwisuun hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni 25 fi kumni 994 fi 194 argamuu ragaan fuula ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment