Bara Oomishaa 2016/16tti xaa’oo kuntaala miiliyoona 23 dhiyeessuuf karoorfame – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC) – Bara Oomishaa 2016/16tti xaa’oo kuntaala miiliyoona 23 dhiyeessuuf karoorfamuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Waggoottaan sadan dhufan fedhii Xaa’oo adda baasuun galtee barbaachisan yeroon dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibsa miidiyaaleef kenneen ibseera.

Karoorri bara kanaas kan bara darbee kuntaala miiliyoona 9 oliin caalmaa qabaachuu eereera.

Rakkoon bara darbe muudate akka irra hin deebine yeroon bittaa isaa raawwachuuf hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Hanga ammaatti Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 13 bitamuu himeera.

Xaa’oon NPS jedhamu gatii gaariin bitamuu himuun Yuuriyaa dabalatee galteewwan biroos gatii fooyya’aan bituuf hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Gammachuu Beekumaa fi Yisimaaw Adaraawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment