Bara Oomishaa 2013/14f Xaa’oo biyyoo yeroon dhiyeessuuf hojjetamaa jira – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Bara Oomishaa 2013/14f Xaa’oo biyyoo yeroon dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.
Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 18.1 bittaan raawwatamuun imalchiisamaa jiraachuu Daayreektarri Daayreektoreetii dhiyeessii galtee qonnaa Ministeera Qonnaa obbo Mangistuu Tasfaan ibsaniiru.
Kuntaallii miiliyoonni 5.7 buufata Jiibuutii ga’e keessaa kuntaallii miiliyoonni 5.6 biyya keessatti imalchiifamuu himaniiru.
Xaa’oo biyyoo bittaan raawwate miiliyoona 18.1 keessaa % 31 imalchiifamuu ibsaniiru.
Xaa’oo biyyoo gara biyyaa gale keessaa kuntaalli miiliyoonni 3.8 waldaalee hojii gamtaaf raabsamuu eeraniiru.
Kuntaalli kumni dhibbi 6 fi kumni 56 fi 768 ammoo qonnaan bultootaaf raabsamuu himaniiru.
Xaa’oo biyyoo bittaan raawwatame hunda yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa galchuun qonnaan bultootaaf yeroon raabsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Obbo Mangistuun akka ibsanitti, Xaa’oon biyyoo bara kana bittaan raawwatame kan bara darbee kuntaala miiliyoona 3.1 ni caala.
Gatiin xaa’oo bara kanaa dabaluu isaaniin mootummaan birrii biiliyoona 4.3 doggomaa taasiisuun bittaan kan raawwatame ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment