Bara omishaa 2015 lafa magaalaa hektaara kuma 42 fi 500 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 299 ol argachuun danda’ame – Pir. Shimallis

 

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Bara omishaa 2015 lafa magaalaa hektaara kuma 42 fi 500 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 299 ol argachuun danda’amuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Magaaloonni eeggatoota Oomisha baadiyyaa qofa ta’uu keessaa bahanii Oomishtoota akka ta’aniif, mootummaan galma ifa ta’eefi qorannoorratti hundaa’e kaa’uun dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Tarsiimoon jalqabaa mootummaan gama kanaan qabate, magaaloonni kallattiin hojii Oomishaa keessa akka galan taasisuun, hojii wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjechaa jirru keessatti gahee magaaloota dabaluudha jedhan.

Kana milkeessuuf waggoota lamaan darban hojii qonna magaalaa, magaalota Oromiyaa hunduma keessatti eegalchiisuuf hojii hojjetameen yeroo ammaa magaaloonni hundi Oomisha keessatti qooda fudhachaa kan jiran yoo ta’u, baay’inaafi gosoota Oomishaas waggaa waggaatti dabalaa jiru.

Bara omishaa 2015 lafa magaalaa hektaara kuma 35 fi 286 irratti midhaan nyaataa misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 1 fi 270 ol argachuuf karoorfamee karooraa ol lafa hektaara kuma 42 fi 500 irratti misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 1 fi 299 ol argachuun danda’amuu ibsaniiru.

Hojii Oomisha kuduraatiin, Gannaafi jallisiidhaan lafa hektaara. Kuma 8 fi 700 misoomsuuf karoorfamee karooraa ol lafa hektaara kuma 11 fi 79 misoomsun Oomisha kuduraa kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 739 fi 849 argachuun danda’ameera jedhan Pireezidaanti Shimallis fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Waggoota muraasa itti aanaan keessatti magaalonni keenya lafa qaban irratti teeknoloojii hunda fayyadamuun Oomishtummaa guddisuun eeggattummaa Oomisha baadiyyaa sadarkaa baay’ee xiqqaa ta’eetti akka gadi buusaniif xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjatamu ta’a jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment