Bara kanatti Kutaa Hawaasaa deeggarsa barbaadan miiliyoona 2.5 deeggaruuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC)- Bara kanatti Kutaa Hawaasaa deeggarsa barbaadan miiliyoona 2.5 deeggaruuf hojjetamaa jira.

Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasumma Oromiyaa qooda fudhattoota waliin karoora kenna Tajaajila Lammummaa tibba ganna irratti miidiyaaf ibsa kenneera.

Hooggantuu biiroo Dhimma hojjetaa fi hawaasummaa aadde Jamiilaa Sibiruu biirichi bara darbe kenna tajaajila lammummaatin hojii boonsaa hojjechuu isaa himaniiru.

Biirichi bara kana karaa adda ta’een hojii dirqama lammummaa irratti kutaa hawaasaa hunda karaa hirmaachiseen karoorsee hojjechaa jiraachuu aadde Jamiilaa Sibiruu ibsaniiru.

Kenna tajaajila lammummaa bara kanaatin manneen jireenyaa harka qalleeyyii kuma 8 ijaaruuf yoo ta’u, manneen kuma 16 immoo suphuuf karoorfamuu himaniiru.

Kenna tajaajila lammummaatin bara kanatti lammiilee miiliyoona 2.5 Birrii biiliyoona 5.6 karoorfamee hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Biirichi qajeeltowwan gurguddoo shan qabatee hojjechaa jiru keessaa,duudhaa Oromumaatti deebi’uu,Halkanii guyyaa hojjachuu,kallattii hundaan dorgomaa ta’uu,qulqullinaan hojjachuu fi tumsaan hojjachuun akka qajeeltottii qabamee hojjatamaa jiraachuun ibsameera.

Hawaasniis bal’aan hojii dirqama lammummaa irratti qooda irraa eeggamu bahachuu akka qaban Aadde Jamiilan dhamsa dabarsu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment