Bara kana sararri ifaa daandii cinaa kumni 4 ol suphamuun tajaajilaaf oolaan

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Bara kana sararrawwan ifaa daandiii cinaa kuma 4 ol suphuun tajaajilaaf oolchuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinnee beeksise
.
Abbaan Taayitichaa bara baajataa kana birrii miiliyoona 40 ol ramaduun utubaawwan ibsaa daandii cinaa suphuu fi haaraa dhaabuun tajaajilaaf oolchuu isaa ibsee jira.
 
Baatiiwwan 6 darban keessa sararawwan ibsaa daandii cinaa tajaajila hin laanne kuma 4 ol deebisee suphuu fi haaraa dhaabuun tajaajila akka laatan taasisuu isaa beeksiseera.
 
Ifaawwan kunneen imaltoonni lafoo fi konkolaachiftoonni halkan daandii cinaa imala gaarii akka taasisaniif ni gargaaru jedhameera.
 
Keessattuu magaalichatti yakka hannaa dukkana daheeffachuun raawwatamu ittisuuf shoora qabaachuu isaa ragaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Magaalaa Finfinnee irraa argame ni mul’sa.
Comments (0)
Add Comment