Bara kana Oromiyaatti biqiltuu sanyii filatamaa bunaa biilyoona 1.3 dhaabuuf qophiin taasifamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Bara kana akka Oromiyaatti biqiltuu sanyii filatamaa Bunaa biiliyoona 1.3 dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Oomisha Bunaa akka biyyaatti alatti ergamu keessaa %70 ol Oromiyaa keessaa kan ergamu ta’uu Itti aanaan Hogganaa fi Itti gaafatamaan Damee Misooma Bunaa, Muduraa fi Mi’eessituuwwanii Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Maammedsaanii Amiin ibsaniiru.

Giddu-galeessaan galii sharafa biyya alaa Doolaara miiliyoona 750  waggaan argamsiisaa jiraachuu obbo Maammedasaaniin himaniiru.

Waggoota lamaan darban Mootummaan Naannoo Oromiyaa misoomaa fi qulqullina Bunaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan Bunni sanyii filatamaa oomishtummaan isaa olaanaa ta’e kilaasteraan akka misoomuuf baajata guddaa ramaduun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Dabalataanis, qonnaan bultoonni buna isaanii gatii madaalawaatti gabaa biyya keessaa fi alaatti erguun fayyadamoo ta’aa jiraachuu eeraniiru.

Bara kanas biqiltuu Bunaa biiliyoona 1.3 dhaabuuf kan qophaa’e yoo ta’u, Godina Jimmaatti biqiltuu Bunaa kilaasteraan dhaabuuf qophiin boolla bunaa miiliyoonni dhibba 3 qophaa’uu dubbachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment