Bara kana lafa hektaara miiliyoona 1 ol Jallisii Boneen Qamadii Misoomsuuf hojjetamaa jira – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) – Sagantaan sosochii misooma Qamadii jallisii Naannoo Oromiya gaggeeffamaa jira.

Bara kana Jallisii boneen sadarkaa naannootti lafa hektaraa miiliyoona tokko misoomsuu hojjetama jiraachuu Pireezidaanti Shimallis ibsuun, Qonna gannaan lafa hektaraa miliyoona 1.7 Qamadii oomishuuf karoorfame keessaa hanga yoonatti lafti hektaarri miiliyoonni 1.63 qotamuun himaniiru.

Sagantaa sosochii misooma Qamadii Jallisii kana irratti Ministira Ministeeraa Qonnaa Obbo Umar Huseen dabalatee,hoggantoonnii fi qooda fudhattoonni biroon hirmaacha jiru.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

ObsanOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment