Bara kana jallisii marsaa duraatiin lafti heektaarri kumni dhibbi1 fi kumni 34 qamadiin uwwifame – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) –Bara kana jallisii marsaa duraatiin lafti heektaarri kumni dhibbi1 fi kumni 34 oomisha qamadiin uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Ityoophiyaatti wagga waggaan qamadiin kuntaala miiliyoona 45 hanga miiliyoona 50 kan oomishamu yoo ta’u, biyyattiin kan barbaadu kuntaala miiliyoona 60 hanga miiliyoona 65 ta’uu Ministeera Qonnaatti Daayreektarri Ekisteenshinii obbo Garmaamee Gaarumaa ibsaniiru.

Sababa kanaan mootummaan wagga waggaan qamadii kuntaala miiliyoona 15 hanga miiliyoona 20 alaa galchuuf dirqama jedhaniiru.

Mootummaan waggoottan sadan darbanitti fedhii kana guutuuf qamadii biyya keessatti oomishuun kan alaa galu hambisuuf xiyyeennoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Comments (0)
Add Comment