Finfinnee, Eebla 4, 2015(FBC)- Bara kana hojiilee kalaqaa 7 gara gabaatti galchuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Teekinooloojii Oromiyaa ibse.
Abbootii kalqaa jajjabeessuuf biirolee biroo waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri Qorannoofi Qo’annoo Kalaqaa Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teekinooloojii Oromiyaa Obbo Beenyaa Caalaan Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
Abbootiin kalaqaa haala itti hojiilee kalaqaa isaanii guddisan irratti abbaan taayitichaa deeggarsa ogummaafi maallaqaa kan taasisu ta’uu eeruun, mirga abbaa qabeenyummaa akka argataniif kan hojjetu ta’uus ibsaniiru.
Abbootii kalaqaa sadarkaa godinaarraa dorgomanii dhufan 25 ta’aniif deeggarsi taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiileen kalaqaa sirriitti erga guddataniifi misoomanii booda hawaasa bira akka gahaniif yookaan ammoo gara gabaatti akka dhiyaataniif Waldaa Intarpirinaroota shaggar waliin hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Kalaqa barattoota 182 Biiroo Barnootaa Oromiyaan calalamuun dhiyaatan keessaa kalaqni 6 haala gabaaf dhiyaachuu danda’urratti mariin taasifamaa turuu kaasaniiru.
Abbaan taayitichaa sirna deeggarsaa fi hordoffii kalaqaalee irratti Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Biiroo Carraa hojii uumuufi Ogummaa Oromiyaa akkasumas Waldaa Interpirinaroota Shaggar waliin sanada waliigaltee mallatteessuus yaadachiisaniiru.
Hojiilee kalaqaa jajjabeessuufi deeggaruu irratti biirolee kanneen waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeruun, biiroleen hundi gahee mataa isaanii kan qaban ta’uu ibsaniiru.
Bara kana hojiilee kalaqaa 7 wayita eebba Giddugala Kalaqaa Buraayyuu agarsiisaaf dhiyaatan gara gabaatti galchuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.