Finfinnee, Bitootessa 13, 2013 (FBC) – Bara kana giddugalli manneen barnootaa hunda hammataan 200 hundaa’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Barattoota fedhii addaa qabaniif haala mijeessuuf bara kana gidduugalli manneen barnootaa hunda hammataan 200 hundaa’uu ministeerichi ifoomseera.
Ministeerichi deeggarsa giddugala fedhii addaa ilaalchisee daayreektaroota manneen barnootaaf leenjii laateera.
Waliin ga’iinsa barattoota fedhii addaa qaban sadarkaa gadii jiran mirkaneessuuf giddugalliwwan haaraan hundaa’uu ibsameera.
Tokkoon tokkoo giddugaloota kanneenii barattoota fedhii addaa qaban hanga 35nitti keessummessuu kan danda’an ta’uu eerameera.
Kunis qaama miidhamtoota dabalatee daa’immaan umriin isaanii barnootaf ga’e mirgi barachuu isaanii akka mirkanaa’u tattaaffii taasiifamaa jiru ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.