Bara kana dhaabbileen mootummaa 400 tajaajila ‘online’ akka laataan hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Bara 2014 dhaabbileen mootummaa 400 tajaajila ‘online’ akka laataan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksiise.
Hojmaatawwan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiin misoomaaniin tajaajiloonni 168 onlaayiiniin laatamaa jiraachuu eerameera.
Tajaajilli onlaayiinii aanaa fi gandatti komii hawaasni tajaajilawwan irratti kaasan karaa itti gaafatamummaa qabuun laachuuf kan dandeessisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii ibsaniiru.
Dhamaatii lammiilee hir’isuu, yeroo fi humna qusachuuf dhaabbileen onlaayiinii tajaajila akka laatan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Waggoottan kurnan itti aanaan dhaabbileen mootummaa kumni 2 fi 500 tajaajila online akka laatan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Magaalaa Finfinneetti dhaabbileen mootummaa filataman onlaayiiniinntajaajila akka laatan ogeeyyii kutaalee magaalaaf leenjiin kennamuu kaasaniiru.
Bara 2014 dhaabbileen mootummaa 400 tajaajila onlaayiiniin akka laataan hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii himuu isaanii ragaan Ministeerichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment