Bara haaraatti hunduu caasaa nageenyaa waliin waloon hojjechu qaba-Dooktar Qana’aa yaadataa

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Bara haaraa dhufutti yeroo kamiyyuu caalaa caasaa nageenyaa waliin waloon hojjechuun hundarraa irraa akka eegamuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Qana’aa Yaadataa ibsan.

Biirichi kutaa magaalotaa bulchiinsa magaalichaa hundaa waliin haala yeroo nageenyaarratti marii gaggeessaa jira.

Marichi Kutaa Magaalaa Aqaaqii, Araadaa, Addisa Katamaatti gaggeeffameera.

Marii Kutaa Magaala Araadaatti gaggeeffameerratti Dooktar Qana’aan Yaadataa akka jedhanitti, bara haaraa dhufutti hunduu yeroo okamiyyuu caalaa caasaa nageenyaa waliin waloon hojjechuu irraa eegama.

Bara baajataa xumurame nageenya lammiilee eegsisuuf humna nageenyaatti dabalataan gurmaa’inaalee ummataa hojii eegalchiisuun gama maraan jijjiiramoonni dhufuu maricharratti ibsameera.

Gareen shororkeessaaa ABUT marsaa 3ffaa weeraraa eegale tokkummaan fshaleessuun murteessaadha jedhaniiru.

Marichi gaggeeffamuu erga eegalee guyyoota 3ffaa kan qabate yoo ta’u, guyyaa boruu Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo fi Lammii Kuraatti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Waajjiraa Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment