Bara haaraatti hanqinni dhiyeessii kuduraa fi muduraa hin jiraatu jedhame

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC)- Bara haaraa irratti hunda’ee hanqinni dhiyeessi kuduraa fi muduraa akkasumas shaqaxoota akka hin jiraanne Ministeerri Daldalaa fi Indastirii beeksise.

Ministeericha dabalatee akkasumaas qaamooleen isaan ilaallatu iddoowwan dhiyeessi kuduuraa fi muduraa akkasumaas shaqaxoota magaalaa Finfinnee adda addaa daawwataniiru.

Jilichi daawwisaan dhiyeessi sukaaraa, kuduraa fi muduraa akkasumaas meeshaaleen garaagaraa gutamuu mirkaneessera.

Daayreektarri kominikeeshinii ministeerri daldalaa fi indastirii obbo Wandimmu Filaatee, bara haaraarratti hanqinni dhiyeessii kuduraa fi muduraa akka jiranneef amumarraa kaasee hojjetameera jedhan.

Ayyaanicha waliin wal qabsisee hanqinni dhiyeessii kuduraa fi muduraa akka hin jirannee manneen daldala hunda dhiyeessii ga’aan jiraachuu dubbataniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment