Bara haaraatti abdii fi mul’ata haaraa qabannee milkii fi injifannoo caalmaatti cehuuf onnachuu qabna-Obbo Kaffaaloo Tafarraa

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)-Bara haaraatti abdii fi mul’ata haaraa qabannee milkii fi injifannoo caalmaatti cehuuf onnachuu qabna jedhan Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan.

Obbo Kaffaaloon bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga bara 2017 geessanii dabaraniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Nuti Itiyoophiyaanotni falaasamoota siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee dabalatee dhimmoota garaa garaatiin hawaasa kutaa addunyaa biroo irraa adda nu godhan keessaa falaasamni lakkoofsa waggaa keenyaa isa tokkoodha.

Kunis falaasama jireenyaa mataa keenyaan kan beekamnu, eenyummaa keenya dhugaa abbootii keenya irraa dhaalle kunuunfannee qaroomina jaarraa lakkoofsiseen faayamnee har’a kan geenye uummata guddaa ta’uu keenya agarsiisa.

Ifti barii birraa kan barri itti jijjiiramu qofa osoo hin ta’in baatii abdii haaraadhaan boqonnaa jireenya biraa itti eegalludha.

Qonnaan bulaan dhamaatiif fi bu’aa bahii bacaqii gannaatiin booda naqata firii oomisha isaa ijaan arguun abdii kan itti horatu, barataan muuxannoo adeemsa baruuf barsiisuu bara darbee irraa baratee gulantaa barnootaa haaraaf kan itti of qopheessu, barsiisotni dhaloota beekumsaan gahoomsuuf galmaa fi mul’ata haaraan kan itti onnatan walii galaan lammiileen sadarkaa adda addaatti argaman kan kaleessaa irraa baratanii boruu isaanii gammachuun jiraachuuf abdii horatanii hawwiidhaan kan eeggatan jijjiirraa bara haaraati.

Hawaasni guutuu Oromiyaa keessa jiraattan fi Itoophiyaanotni kutaawwan addunyaa garaa garaa keessatti argamtan baga bara haaraa 2017 tti nagaan ceetan jechuun barbaada.

Barri baraan bakka bu’ee boqonnaan haaraan yemmuu saaqamu kan darbe yaadannoo ta’ee irraa baratama, isa haaraa simatamutti ammoo abdiidhaan wal’aansoo jireenyaa biraaf akeekkama.

Gama kanaan barri 2016 akka biyyaattis ta’ee naannoo keenyaatti bara milkaahinootaa fi qormaatilee hedduu itti keessummeessine, hojiilee gurguddoo ta’anis hirmaannaa laammilee hunda galeessa ta’een itti raawwannedha.

Carraawwan misoomaa qabnutti sirnaan fayyadamuudhaan hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti cehuuf carraaqqii taasifneen damee qonnaa fooyya’iinsa guddaa ta’etti ceesifneerra.

Oomishaaf oomishtummaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu, darbees hiyyummaa qolachuudhaan badhaadhina maatii dhugoomsuuf carraaqqiin eegalame seenaa hiyyummaa kaleessaa jijjiiruudhaan daandii haaraa saaquuf imala jalqabne kan dhugoomsuudha.

Kanaaf ammoo milkaahinootni oomisha qamadii fi inisheetiiviiwwan qonnaa biroo irratti mul’ataa jiran agarsiiftuu guddaadha.

Induustiriin babal’atee carraa hojii akka uumu, tuuriizimiinis guddatee diinagdee biyyaa akka utubu gochuu eegaluu keenyaan dam-daneessummaan diinagdee mirkanaahaa, rakkooleen hawaasaatis dhawaataan furmaata argachaa akka deemuuf bu’uura kan kaa’uu dha.

Barri 2016 bara hojiilee fayyadamummaa lammiilee mirkaneessan hedduu itti raawwannee fi milkaahinoota baay’ees galmeessine ta’us, rakkooleen ilaalchaa fi gocha finxaalessummaa seeneessa qeenxee irraa maddaniin qoramneerra.

Finxaalessummaan gufuu nageenyaa, tokkummaa fi waliin jireenyaa waan ta’eef ilaalcha balaafamaa bu’uura uummattummaa hin qabne waan ta’eef, bara haaraa kanatti hundeerraa maqsuudhaan seenessa biyyaalessummaa wabii tokuummaa fi wal qixxummaa lammiilee ta’e dagaagsuun ijaarsa biyya waloo dhugoomsuuf qindoomina ol’aanaadhaan hojjachuun murteessaadha.

Bara moofaa gaggeessinee boqonnaa haaraatti yemmuu tarkaanfannu milkaahinoota imala keenya kaleessaa galaa godhannee, bara haaraatti abdii fi mul’ata haaraa qabannee milkiif injifannoo caalmaatti cehuuf onnachuu qabna.

Jijjiiramni hunda galeessi akka naannoo keenyaa fi biyyaatti eegalame ariitiin akka fiixa bahu, tokkummaan dhugaa obbolummaa sab daneessaan utubame sadarkaa hundatti akka mirkanaahuu fi nageenyi amansiisaa ta’e iddoo hundatti akka waara’u goochuuf hojjachuutu nurraa eegama.

Xumura irrattis, ummanni naannoo fi biyya keenyaa haalaa fi iddoowwan gara garaa keessa jiraattan hundi, qaamoleen nageenyaa qormaatilee adda addaaf osoo hin jilbeeffatiin nagaa fi birmadummaa biyyaa fi ummata keessaniif aarsaa kaffalaa jirtan, irra deebiin baga bara haaraa 2017 geessan jechaa, barri haaraan kun qormaata keenya hundaa waloon tarkaanfannee injifannoo caalmaa kan itti goonfannu, jaalalaa fi dhiifamaan ida’amnee tokkummaa cimaa kan itti argannu, bara nagaa, gammachuu fi badhaadhinaa akka nuuf ta’u hawwiin qabu ibsuun fedha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment