Bara haaraa sababeeffachuun manneen jireenyaa 837 dabarfaman

Finfinnee, Qaammee 3, 2016 (FBC)- Bara haaraa sababeeffachuun Kutaalee Magaalaa Finfinnee garaagaraatti manneen jireenyaa waliinii ijaaraman 837 harka qalleeyyii fi jiraattota biyyaaf oolmaa oolaaniif dabarfameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, yeroo gabaabaa keessatti ijaaramuun manneen dabarfaman keessaa manneen 54 Ministeera Hojii fi Ogummaatiin Kutaa Magaalaa Ekkaatti kan ijaarame ta’uu ibsuun Ministiraa Ministeerichaa Aadde Mufaarita Kaamiiliin galateeffataniiru.

Akkasumas Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftootti abbootii qabeenyaa garaagaraan manneen 10, Kutaa Magaalaa Araadaatti Faawundeeshinii Abdullaaxiif Umariin manneen 32 ijaaramuu beeksisan.

Manneen ijaraaman hunda jiraattotaaf dabarfamuu kaasanii, jiraattonni bara haaraa abdii haaraan akka eegalaniif dhaabbilee gumaacha olaanaa taasisan fi abbootii abeenyaa magaalattii galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment