Bara Faranjootaa 2022 diinagdeen addunyaa doolaara Tiiriliyoona 100 akka darbu qorannoon tokko ibse

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC)- Bara Faranjootaa 2022 diinagdeen addunyaa yeroo jalqabaaf Doolaraa Ameerikaa Tiiriliyoona 100 akka darbu Biriitaaniyaatti giddugalli qorannoo Biiznasii fi Diinagdee ibseera.

Bu’aan qorannichaa tilmaamama raaga Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa bara Faranjoota 2022 waliin kan wal simuu yoo ta’uu, oomishni addunyaa waliigalaa Doolaraa fi gatii amma jiruun Doolaraa Ameerikaa Tiiriliyoona 100 kan darbuu ta’uu tilmamameera.

Bara Faranjoota 2021 guddinni diinagdee addunyaa galma’ee %5.5 kan turee, waggaa tokkoon dura kan turee caalmaa xiqqoo %5.3 akka qabu gabaasichi eereraa.

Dhaabbatichi gabasichaan akka ibseetti walakkaa waggaa 2021 irratti hir’inni shaqaxaalee, meeshaalee dhumataa fi rakkoon geejjibaa daballiin gatii akka uumamuu taasisaniiru jedha.

Itti aanaan hoji gaggeessaa giddugalichaa Daaglaas Maakilaawiiliyaams bara Faranjoota 2020tti xiyyeeffannoo olaanaa kan ta’ee daballii gatii diinagdee addunyaa akkamitti dandamataa kan jedhuudha jedhaniiru.

Sirreeffama giddugaleessaa taasisuun daballii gatii dandamachiisuun akka danda’amuu ibsuun, kana gochuun yoo hin danda’amnee bara Faranjoota 2023 ykn 20124 diinagdeen addunyaa gadi bu’uu akka danda’uu CGTN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment