Bara Faranjootaa 1979 as yeroo jalqabaatiif Ispeenitti dhibeen Kooleera mudate

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Bara Faranjootaa 1979 as yeroo jalqabaatiif Ispeen naannawaa Bulchiinsa Kaastaal La Maanchaatti dhibeen Kooleera mudachuun eerame.

naannawichatti, namni tokko bishaan ujummoo dhuguun erga dhukkubsateen booda, qorannoo gaggeeffameen dhibee kooleera ta’ee mirkanaa’uu aanga’oonni naannawichaa beeksisaniiru.

Dhibechi mudachuu hordofees naannawichaatti kan argamuu bakki qonnaa tokko cufamuu CGTN gaazexaa Elpaayis jedhamu wabeeffachuun gabaaseera.

Bara Faranjotaa amma keessa jirru Caamsaa 08 Sudaan Kibbaatti dhibeen kooleeraa mudachuun lubbuun nama tokkoo darbuu fi namoonni 30 ta’an dhibechaan qabamuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment