Bara dhufu hojiiwwan qorannoo fi diizaayyinii projaaktoota misooma jallisii 22 Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 55 akka raawwatamu ibsame

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) –Bara dhufu hojiiwwan qorannoo fi diizaayyinii projaaktoota misooma jallisii 22 Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 55 akka raawwatamu ibsame.

Hojiiwwan qorannoo fi diizaayyinii projaaktoota misooma jallisii 22 Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 55 akka raawwatamuuf baajatni qabamuu himameera.

Bara baajatichaatti misooma jallisii eegalaman 8 projaktoonni qorannoo fayyadamummaa fi diizaayinii naannoo Amaaraa 2, naannoo Kibbaa 2, naannoo Oromiyaa 3 akkasumas naannoo Somaalee 1dha.

Projaktoonni kunneen Shiinf, Angarab, Wayxoo, Shifee, Mormoraa, Gannalee gadii, Waybii fii Buldaahoo fa’aa ta’uu Komishiniin Misooma Jallisii beksiseera.

Dabalataan bara baajatichaattiprojaktoonni 7 hojiin qorannoo fi diizaayinii qophaa’e gara ijaarsaatti akka galan karoorfamee raawwatamaa akka jiru eerameera.

Projaktoonni kunneen, Magac, gilgal Abbay, jamaa, Bilaatee, Daabbus, Gololchaa fi Galaanaa misooma bu’uuraa hidhaa fi jallisii yoo ta’u, hojiiwwaan qorannoo fi dizaayinii qopheessu hanga baatii Sadaasaatti xumuramuuf karoorfameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment