Bara dhufu daldala alaarraa Doolaara biiliyoona 5 argamsiisuuf karoorfamuu ministeerichi beeksise

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Bara 2015 daldala alaarraa Doolaara biiliyoona 5 argamsiisuuf karoorfamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.

Argisiisa guyyaa daldala alaa Ityoophiyaa banamerratti, Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Gabiramasqal Caalaa, bara 2015 daldala alaarraa Doolaara biiliyoona 5 argamsiisuuf karoorfamuu dubbatan.

Waggoottan itti aanaan Ityoophiyaan daldala alaarraa Doolaara biiliyoona 10 akka argattuuf hojjetama jira jedhaniiru.

Guyyaan daldalaa alaa Ityoophiyaa kabajamaa kan jiru yoo ta’uu, guyyicha kabajuun kan barbachiseef bara 2014’tti galii argameef dhaabbilee fi abbootii qabeenyaa alergitootaa gahee olaanaa bahataniif beekkamtii kennuufi jedhan Obbo Gabiramasqal.

Ityoophiyaan dandeettii daldala alergee qabdu beeksisuun bara baajataa 2015tti karoora qabame bu’aa caalmaan milkeessuuf kaka’umsa uumuuf ta’uus ibsan.

Yeroo jalqabaatiif kan kabajamaa jiru guyyaan alergitootaa kun oomisha Ityoophiyaa addatti beekuun barbaachisaadha jedhmeera.

Oomishaaleen alergee Ityoophiyaa 14 alergitoota filatamaniin argisiisaaf kan dhiyaatan yoo ta’uu argisiisnii kunis Finfinnee Hoteela Iskaay Laayititti gaggeefama jira.

Guyyaan daldaa alaa Ityoophiyaa mata duree “Oomishaalee Ityoophiyaa dhandhama addaa bitadhaa jedhuun kabajamaa jira.

Amartii Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment