Bara baajatichatti ijaarsi piroojektiiwwan bu’uuraalee misooma Jallisii 1000 ol xumurame –Injinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC) – Bara baajatichatti ijaarsi piroojektiwwan bu’uuraalee misooma Jallisii 1080 xumuramuu Ministirri Ministeera Jaallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahammad ibsan.

Ministeerichi gamaaggama raawwii karoora bara 2015 seektarichaa Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggessaa jira.

Waltajjicharratti Injinar,Ayishaa Mahammad,qondaaltonnii olaanoo Ministeericha fi Hoggaantoonni Biiroolee Naannoolee argamaniiru
Bara baajatichatti ijaarsi piroojektoota bu’uuraalee misooma Jallisii 1080 xumuramuu eeruun, lafti hektarri kumni 251 fi 550 jallisiin misoomuu ibsaniiru.

Bara baajataa 2016tti qorannoo fi Dizaayinii sadarkaa isaa eggateen hojjechuuf karoorfamuun ibsameera.

Masaafinti Iyyaayyutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment