Bara baajatichaatti kan raawwatamu hojiin sona duraa qorannoon qabeenya ji’ooloojii xumurame

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC) –Ji’ooloojikaaliin Sarveeyii Ityoophiyaa bara baajatichaatti kan raawwatamu hojiin sona duraa qorannoon qabeenya ji’ooloojii xumure.
Garee shanitti kan qoodame gareen sona taasisu Onkololeessa 20, 2013 irraa eegalee qorannoon ji’ooloojii kan taasifamu naannoolee Oromiyaa, Kibbaa, Somalee Afarii fi Amaaraa irratti gaggeessaa kan ture hojii sona duraa xumureera.
Ityoophiyaan damee albuudaan argachuu kan qabdu sharafa alaa guddisuu fi carraa hojii dhabdummaa lammiilee hir’isuu bifa dandeesisuun bara baajata qophaa’etti naannoolee kanneenitti qorannoo taasisuuf karoora sarveey qabachuun hojjechaa akka jiru ibsameera.
Kanaan dura naannoo tokko tokkotti ogeessoota qorannoo gaggeessanirratti rakkoo ga’aa turuu kan kaasan hirmaattoonni qorannichaa; kana hambisuuf biiroowwan albuudaa naannoo waliin qindoominaan xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa akka jiru himameera.
Kanaais sanadni waliigaltee mallattaa’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment