Bara baajatichaatti jallisiiwwan 27 ni ijaaramu jedhame

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Bara baajatichaatti pirojektiiwwan jallisii 27 akka ijaaraman Ministir Deetaan Ministeeraa Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Birhaanuu Leenjisoo ibsan.

Dooktar Birhaanuun FBC’f akka ibsanitti bu’uuraalee misooma jallisii babal’isuun wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Wabii nyaataa gama mirkaneessuun jallisiin gumaacha olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.

Pirojektoonni eegalamanii sababa suphaatiin addaan citan xumuramanii hojii akka eegalan taasisuun danda’ameera jedhan.

Haaluma kanaan lafa hektaara kuma 157 hojii qonnaaf oolchuun akka danda’ame ibsaniiru.

Keessumaa misooma jallisiin oomishtummaa qammadiirratti jijjiirama fiduun akka danda’ame eeran.

Fuulduratti pirojektoota eegalaman wayiita xumuraman lafa hektaara kuma 500 ol misooma jallisiin misoomsuuf akka karoorfame ibsan.

Kanaan walqabatees, bara baajatichaatti pirojektoota misooma jallisii 27 akka ijaaraman kan kaasan Dooktar Birhaanuun, 29 kan ta’an ammo hojiin qorannoo fi dizaayinii akka hojjetamu dubbatan.

Adeemsichaan rakkoolee akka gaaffilee tilmaama beenyaa fa’aa dhaabbiin furuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Rakkoon simmintoos qormaata damechaa isa biroo ta’uu eeraniiru.

Bu’uuraalee misooma jallisii babal’isuun wabii nyaataa Ityoophiyaa mirkaneessuuf akka tumsuu fi abdiidhaan hojjetamaa jiru ta’uu himan.

Ityoophiyaan qabeenya umamaan qabdu fayyadamuun hojiilee hojjettu keessaa hojiin misooma jallisii tokko yoo ta’u, damecha cimsuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin akka hojjetamuu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment