Bara baajatichaatti galiin Birrii biiliyoonni 336 walitti qabame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii bara baajataa 2014tti Birrii biiliyoona 336 ol galii walitti qabuu beeksiseera.

Ministirri Ministeerichaa Obbo Laaqee Ayyaalawu akka jedhanitti, Ityoophiyaatti bara 2022tti bulchiinsi taaksii biyyaalessaa ijaaruun, baasii biyyaalessaa galii ofiin of danda’uuf tattaffii taasiftu milkeessuuf Ministeerii Galiiwwanii dandeettii galii walitti qabuu isaa cimsee itti fufeera.

Haaluma kanaan, bara baajataa kanatti galii Birrii biiliyoona 360 walitti qabuuf karoorfatee keessaa Birrii biiliyoona 336 fi miiliyoona 710 fi kuma 21 fi 930 walitti qabuun karooricha %93.53 milkeessuun argisiistuu ta’uu ibsaniiru.

Raawwichi bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu Birrii biiliyoona 57 fi miiliyoona 494 ol yookaan %20.59 caalmaa akka qabU Obbo Laaqeen dubbataniiru.

Maddii galii walitti qabamees taaksii biyya keessaa, qaraxa daldalaa alaa fa’aarraa ta’uu eeruu ragaan ministeerichaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment