Bara baajatichaa hojiin dippiloomaasii bu’aa qabeessi galmaa’e-MDhA

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Bara Baajataa xumurame keessa hojii dippiloomaasii bu’aa qabeessa raawwachuu Ministeera Dhimma Alaa beeksise.

Bara baajataa 2016 keessaa damee Dippiloomaasiin hojiin bu’aa qabeessi hedduun galmaa’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaan himaniiru.

Biyyoota ollaa waliin hojiin tumsa faayidamummaa waloorratti xiyyeeffate hedduun bara itti hojjetame ta’uu himaniiru.

Hoggantoonni olaanoon biyyoota garaagaraa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasiisuu fi waliigaltee hariiroo dippiloomaasii cimsan mallatteessuu dubbataniiru.

Waliigalteewwan faayidaa biyyaalessaa kabachiisan 71 ol mallattaa’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan waltajjiiwwan 501 irratti hirmaachuun ejjennoo faayidaa biyyaalessaa kabachiisan bara itti ibsuu dandeesse ture jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment