Bara baajatichaa hojii malaammaltummaa ittisuu hojjetameen Birrii biiliyoona 5.6 dhorkuun ol danda’ame jedhame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Bara baajataa xumurame keessa hojii malaammaltummaa ittisuu hojjetameen Birrii biiliyoona 5.6 ol dhorkuun danda’amuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisan ibsan.

Hojii malaammaltummaa ittisuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjatameen qabeenya malaanmaltummaan argamee Birrii biiliyoona 5.6 ol dhorkuun danda’ameera jedhan gabaasa caffeef dhiyeessaniin.

Bara 2016 alseerummaa to’achuuf hojjiin sakkata’insa kontiroobaandifi daldala seeraan alaa xiqqeessuuf hojjetame jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.

Maallaqni malaanmaltummaan argame Birrii biliyoona 5.69 dhokamuufi kan mirkanaa’ee Biirrii biliyoonni 2.58 mootummaafi jaarmiyaa ummataaf deebi’uu dubbataniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment