Bara baajatichaa dhiyeessa galteewwan qonnaa fi uwwisa sanyiirratti jijjiiramni guddaan argameera – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC) – Bara baajatichaa dhiyeessa galteewwan qonnaa fi uwwisa sanyiirratti jijjiiramni guddaan argamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.
Gamaaggamni raawwii hojii guyyoota 100 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.
Gamaaggamichaan raawwii hojii qonnaarratti marii bal’aan taasiifamuu Dooktar Girmaan ibsaniiru.
Bara baajaata 2015/16 oomishni argame kan karoorfameen kan walitti dhiyaatu ta’uu eeraniiru.
Keessattuu Misooma Qamadii jallisiin bu’aa olaanaan argamuu kaasaniiru.
Lafa sanyiin uwwifame hektaara miiliyoona 3 irraa callaan kuntaalli miiliyoonni 106 argamuu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.
Qonna Arfaasan lafa hektaara miiliyoona 2.7 sanyiin uwwisuuf karoorfamee hektaarri miiliyoonni 3.5 sanyiin uwwifamuu dubbataniiru.
Dhiyyeessii fi raabsi Xaa’oo biyyoos daraan fooyya’aa ta’uu himaniiru.
Bara kana Xaa’oon biyyoo Kuntaala miiliyoonni 20 Doolaaraa miiliyoona 930 oliin bitamuun qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.
Sagantaan maaddii guutuus bu’aa gaarii argamsiisuu fi jireenya lammiileerratti jijjiirama agarsiisaa jiraachuu eeraniiru.
Comments (0)
Add Comment