Bara baajataa xumurame lubbuun namaa dhibee Busaan darbe hin turree – Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC) – Bara baajataa xumurame lubbuun namaa sababa dhibee Busaan darbe kan hin jiraanne ta’uu BiiroonEeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeskiise.
 
Hojiin Fayyaa bara kanaa qormaata adda addaa keessatti raawwate jedhan Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa.
 
Hojiin Filannoo marsaa 6ffaa fi ittisa dhibee Covid-19 irratti hojjetame gaarii ta’uu kaasaniiru.
 
Barri darbe bara qormaanni itti heddumatu ta’us, raawwiin hojii gaariin muul’ateera jedhan Dooktar Mangiftuun.
 
Kolleejjiiwwan Fayyaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
 
Bara kana akka Biiroo Eeguumsa Fayyaatti Proojektoota kanaan dura lafa irra harkifataa turan dabalatee proojektoonni 262 xumuruun danda’ameera jedhan.
 
Bittaa meeshaa yaalaatiif birrii miliyoonni dhibbi 5 ol baasii ta’ee dubbataniiru.
 
Bittaa qorichaaf ammoo Birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoona 47 baasii ta’eera jedhan.
 
Mootummaa Neezarlaandi waliin walii galtee taasifameen meeshaaleen yaalaa Birrii miiliyoona dhibba 6 olitti tilmaamamu biyya keessa galu ibsuu isaanii OBN gabaaseera.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment