Bara baajataa xumurame damee Qonnaan hojiileen bu’aa qabeessa ta’an raawwatamaniiru – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Adoolessa 30, 2015 (FBC) – Ministeerri Qonnaa qooda fudhattoota hirmaachiisuun raawwii hojii misooma qonnaa bara 2015 Finfinneetti qorachaa jira.

Gamaagama kanarratti Hoggantoonni Ministeera Qonnaa,Biiroolee Qonnaa Naannolee, Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa fi qooda fudhattoonni argamaniiru.

Bara baajataa 2015 damee qonnaan hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hedduun raawwatamuu ministirri Ministeera Dooktar Girmaa Amanteen ibsaiiru.

Keessattuu Misooma Jallisiin, Sagantaa Ashaaraa Magariisaan, Misooma Beelladaa fi Qurxummiin bu’aa gaariin argamuu dubbataniiru.

Gama dhiyeessii galteewwaniin rakkoon mul’achuu kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment