Bara baajataa xumurame Al ergiirraa galiin Doolaarri biiliyoonni 3.7 ol argame – Ministeericha

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Bara baajataa xumurame keessa Al ergiirraa galiin Doolaarri biiliyoonni 3.7 ol argamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa beeksise.

Galii Doolaara biiliyoona 4.85 argachuuf karoorfamee, Doolaarri biiliyoonni 3.709 argamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasahuun Goofeen himaniiru.

Raawwiin kuni kan bara 2015 irra caalmaa qabaachuu kaasuun,bara 2017tti galii Doolaara biiliyoona 5.1 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment