Bara baajataa kanatti qabiyyee lafaa kuma dhibba 3 fi kuma 50 galmeessuu fi mirkaneessuuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Onkokoleessa 26, 2013 (FBC) – Bara baajataa kanatti qabiyyee lafaa kuma dhibba 3 fi kuma 50 galmeessuu fi mirkaneessuuf karoorfamuu Ejansiin Galmeessa Qabeenya Lafaa fi Odeeffannoo Lafa magaalaa Federaalaa beeksiise.
 
Rakkoolee qabiinsa ragaa lafaan walqabatu furuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu daayreetarri olaanaan ejansichaa obbo Wandimmuu Seettaa dubbataniiru.
 
Karoora waggoottaan kurnan itti aanaan keessa raawwatamuuf karoorfame keessaa kan ba’e imaammata waggaa 5 irratti magaalaa Hawaasaatti naannoolee waliin mariin gaggeeffamaa jiraachuu himeera.
 
Hojiin galmee lafaa kun weerara lafaa fi seera alummaa kan hambisu ta’uu himamera.
 
Akkasumas rakkoolee bulchiinsaa fi kenniinsa tajaajila lafaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsameera.
 
Waggoottaan shanan darbanitti magaaloota 40 keessatti qabiyyee lafaa miiliyoona 1.3 galmeessuu fi mirkaneessuuf karoorfamee qabiyyee kuma dhibba 4 fi kuma 57 fi 907 galmeessuu fi mirkaneessuun danda’amuu ibsameera.
 
Birihaanuu Bagaashawutu gabaasee.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment