Finfinnee, Caamsaa 12, 2016 (FBC) – Bara baajataa 2016 guddinni diinagdee 7.9 tilmaamame milkaa’uu akka danda’u bu’aawwan agarsiisan galmaa’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsan.
Baatiwwan saglan darban damee qonnaa, Indaastirii fi Tajaajilaan bu’aaleen galmaa’an guddinni diinagdee 7.9 tilmaamame milkaa’uu mul’iftuu ta’uu eeraniiru.
Dameen Qonnaa misooma midhaaniin kuntaalli miiliyoonni 100 ol argamuu eeruun, kana keessaa miiliyoonni 80 Qamadii ta’uu himaniiru.
Ruuziin kuntaalli miiliyoonni 38, Aannaan Liitirri biiliyoonni 2, Killeen biiliyoonni 2 fi Foon tooniin kumni 200 oomishamuu dubbataniiru.
Damee Indaastiriinis dandeettii raawwachuu % 56 qaqqabuu ibsaniiru.
Baatiwwan saglan darban Galiin Birrii biiliyoonni 374 walitti qabauu fi Birriin biiliyoonni 495 ammoo baasii ta’uu himaniiru.
Daldala Alaa Shagaxaaleerraa Doolaarri biiliyoonni 2.5, tajaajilaarraa Doolaarri biiliyoonni 5.8 argamuu ibsaniiru.
Waliigalaan Diinagdeen Gooroo murteessoo ta’an guddina agarsiisuu hordofee tilmaamamni guddina diinagdee 7.9 milkaa’uu akka danda’u agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru.
Taarikuu Laggaasaatu gabaase.