Bara baajataa 2017 keessa humna biyyoota alaaf dhiyaaturraa galii Doolaara miiliyoona 300 argachuuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) – Bara baajataa 2017 keessa humna biyyoota alaaf dhiyaaturraa galii Doolaara miiliyoona 300 argachuuf karoorfamuu Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Injinar Ashabbir Baalchaan raawwii hojii bara 2016 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Bara 2016 keessa Humna Sa’aatii Giigaa Waattii kuma 20 fi 522 madda anniisaa bishaanii,Qilleensaa fi Balfa Gogaarraa maddisiisuun gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyaachuu dubbataniiru.

Humna waliigala keessaa % 17 Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaarraa kan argame ta’uu himaniiru.

Humna biyyoota alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miilyoonni 140 argamuu kaasaniiru.

Waliigala bara baajatichaa galiin Birriin biiliyoonni 20 argamuu Injinar Ashabbir eeraniiru.

Bara baajataa 2017 keessa humna biyyoota alaaf dhiyaaturraa galii Doolaara miiliyoona 300 argachuuf karoorfamuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment