Bara baajataa 2016 bu’aa gaariin galmaa’eera – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 5, 2016 (FBC) – Gamaaggamni Raawwii Hojii bara 2016 bulchiinsa magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa ture xumurameera.

Bara hojichaa bu’aa gaariin galmaa’uu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen eeraniiru.

Damee galii walitti qabuu, Misooma Koriidarii fi kanneen biroon bara bu’aa jajjabeessan kan itti argame ta’uu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.

Galiin bara baajatichaa 44%n ol guddachuu, Misooma koriidariitiin Finfinnee balfarraa qulqulleessuun akka maqaa ishee abaaboo miidhagduu kan itti taasiifame, kutaa hawaasaa sadarkaa jireenyaa gadi’aanaa irratti argamanii deeggaruuf Birrii biiliyoona 11 hojiirra ooluu himaniiru.

piroojektoonni kuma 18 ol tajaajila hawaasumaaf banaa ta’uu, biqiltuuwwan miiliyoonni 17.5 dhaabuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment