Bara baajata 2013tti daldala alaarraa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 argachuuf karoorfamu ibsame

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC) –Bara baajata 2013tti daldala alaarraa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 argachuuf karoorfamu ibsame.

Bara baajata 2013tti daldala alaarraa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 argachuuf karoori qabamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Ministeera Daldalaa fi Indaastiriitti deeggarsaa fi hordoffii kan taasisaan oomishaalee gabaa fi qonnaa keessa biiliyoona 2.918 qonnarra, Doolaara Ameerikaa miiliyoona 500 fi miiliyoona 87.5 kan ta’an ammoo gabaarraa akka eegamu beeksiseera.

Karooricha milkeessuf dhiyeessii fi qulqullina guddisuu, sirnoota qajeelfamaa fooyyesuu, sirna faayinaansii fooyyessuu, daldala seeraan alaa fi kontiroobaandii too’achuu fi waliingeettii gabaa babbal’isuurratti xiyyeeffannoon hojjeechuun dhimmoota ijoo ta’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastirii irraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment