Bara 2021 Jijjiirramni qabeenya qilleensaa namoota miiliyoona 1 ol buqqisuu dhaabbanni tola ooltummaa Kiristiyaanaa ibse

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC) – Bara Faranjootaa 2021 jijjiirramni qabeenya qilleensaa buqqaatii namoota miiliyoona 1 oliif sababa ta’uu dhaabbanni tola ooltummaa Kiristiyaanaa ifoomse.
Sababa jijjiirrama qabeenya qilleensaan balaa uumameen namoonni miiliyoonni 1.3 qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu dhaabbatichi ibseera.
Miidhaan Doolaara Biiliyoona dhibba 1 fi Biilyoona 70 tilmaamamu qabeenyarra qaqqabuu ibsameera.
Baatii Hagayyaa Bubbeen ‘Ayidaa’ jedhamu miidhaa Ameerikaatti qaqqabsiiseen lubbuun namoota 95 yoo darbu, qabeenyi Doolaara Biiliyoona 65 tilmaamamuu barbadaa’uu dhaabbichi eereera.
Balaan Lolaan Baatii Waxabajjii Awurooppaatti muudate ammoo lubbuu namoota 240 galaafachuu fi kisaaraa diinagdee Doolaara biiliyoona 43 qaqqabisiisuu dhaabbanni tola ooltummaa kun himeera.
Akkasumas Balaan Lolaa Chaayinaa Bulchiinsa Yeenaanitti muudate lubbuu lammiilee 320 gaaga’uu fi namoota miiliyoona 1 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqisuu eereera.
Qabeenya Doolaara Biiliyoona 17.5tti tilmaamamuu barbadeessuu ‘Anaadooluun’ gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment