Bara 2016tti oomisha Bunaa toonii miiliyoona 1.4 walitti qabuun galii Doolaara biiliyoona 2.5 ol argachuuf karoorfame- BQO

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Bara 2016tti oomisha Bunaa toonii miiliyoona 1.4 walitti qabuun galii Doolaara biiliyoona 2.5 o argachuuf karoorfamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.

Dinagdee cimaa ijaaruun Qonna biyyaa ammayyeessuun al_ergii guddisuu kan gaafatu ta’uu ibseera.

Guddina diinagdee biyya tokkoof murteessaa kan ta’e damee qonnaa saffisaan, qulqullinaafi baay’inaan ammayyeessuun jiruufi jireenya qotee bulaa jijjiiruun oomishaalee galii argamsiisan irratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa oomishaalee lafee dugdaa diinagdee biyyaa ta’an kan alatti ergamuun sharafa alaa argamsiisan kanneen akka Bunaa, Avokaadoofi Baala Shaayii irratti xiyyeeffannoo addaa kennee hojii hojjechaa jiraachuu Itti aanaan Hogganaa fi Itti gaafamaan damee misooma Bunaafi muduraa Obbo Mahaammad Saanii Amiin ibsaniiru.

Lafti heektarri miiliyoona 2.5 ol oomisha Bunaan uwwifameerra bara 2015 oomisha toonii miiliyoona 1 ol walitti qabame keessaa tooniin kumni 350 gara alaatti ergamuu himaniiru.

Galii Buna Alatti ergamerraa argame Doolaara biiliyoona 1.8 keessaa % 70 kan naannoo oromiyaa ta’uu dubbataniiru.

Bara 2016tti oomisha toonii miiliyoona 1.4 walitti qabuun galii Doolaara biiliyoona 2.5 o argachuuf karoorfamuu kaasaniiru.

Akkasuma bara oomisha 2015 Avookaadoo toonii kuma 1 sassaabuun gara alaatti ergameerraa galii Doolaarrri miiliyoonni 3 ol argamuu dubbataniiru.

Galii oomisha Baala_Shaayirraa argamu % 4 olitti guddisuuf hojjetamaa akka jiru himuu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment