Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)- Bara baajataa 2016’tti hojiileen misooma magaalaa qaroominaa fi seenaa Naannoo Hararii gitaan hojjetamuu qabu jechuun Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriin dubbtan.
Manni Maree Bulchiinsaa Naannoo Hararii walga’ii idilee har’a gaggeesseen bara baajataa 2016 pirojektoota misoomaa mootummaan gaggeeffaman dabalatee ajandaalee biroorratti mari’ateera.
Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badriin maricharratti, bara 2016 pirojektoonni naannichatti gaggeeffaman carraa hojii jiraattotaaf uumuu cinaatti, diinagdee naannichaa dadammaqsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Kanaafis, hojilee karoora bu’uureffatanii fi guutuu ta’aniin fayyadamummaa haqa qabeessaa jiraattota magaalaa fi baadiyyaa naannichaa mirkaneessan gaggeessuun hojiilee ijoo ta’uu akka qaban eeraniiru.
Pirojektoonni carraa hojii kan uumanii fi qulqullinaa fi miidhagina kan dabalanii akkasumas hojiilee galii maddisiisan hojjechuun barbaachisadha jedhameera.
Dabalataanis, magaalaa Hararii karooraan hogganuuf koreen sadarkaa naannootti hundeeffamee hojiitti seenuu ibsanii, hojiileen misooma magaalaa hojjetaman qaroominaa fi seenaa Hararii kan gitan ta’uu akka qaban dubbataniiru.
Keessumaa ijaarsaa fi weerara lafaa seeraan alaa irratti olaantummaa seeraa kabajchiisuuf hojiilee eegalaman mirkaneessuun, xiyyeeffannaa fi qindoominaan itti fufsiisuu akka barbaachisu kaasaniiru.
Karoorawwan qabaman hojiitti jijjiiruuf hoggansii fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu qindoominaan kutannoon akka socho’an hubachisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.