Bara 2016 diinagdeen Naannoo Oromiyaa % 8’n akka guddatu ni eegama – BKO

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC) – Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa karoora naannichaa bara 2016 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina hawaas-dinagdee ariifataafi itti fufinsa qabu mirkaneessuuf tarsiimoofi karoora misoomaaa, nageenyaafi ijaarsa sirna dimokiraasii bocuun sochii bal’aa taasisaa jiraachuu Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa himaniiru.

Bara baajetaa 2015 diinagdeen naannichaa %7.7 kan guddachuu eeraniiru.

Bara 2016 ammoo diinagdeen naannichaa %8’n akka guddatu raagamuu ibsaniiru.

Bara baajatichaa hojiiwwan xiyyeeffannoon hojjetaman qaala’insa jireenyaa hir’isuu yoo ta’u kanas oomisha guddisuun garaagarummaa fedhiifi dhiheessii gidduu jiru dhiphisuu akkasumas to’annoo gabaa cimsuun kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Amartii Tasafaayee, Adaanachi Abbabaa fi BKOtu gabaase.

Comments (0)
Add Comment