Bara 2015 keessa diinagdee Gooroo % 6.9 guddisuuf karoorfameera – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan miseensota Caffee Oromiyaaf karoora hojii bara 2015 naannichaa dhiyaassaa jiru.
Bara 2015 keessa diinagdee Gooroo % 6.9 guddisuuf karoorfamuu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.
Lafa hektaara miiliyoona 1.1 Qonna Arfaasaan misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 17.6 argachuuf karoorfamuu himaniiru.
Oomishaa fi Oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannoon misooma qonnaarratti kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Lafa hektaara miiliyoona1 jallisii Boneen misoomsuun calla kuntaala miiliyoona 50 argachuuf karoorfameera.
Sagantaa Ashaaraa magarsiisaa bara 2015 bilqiltuuwwan biiliyoona 4.9 qopheessuun lafa hketaara miiliyoona 1.6 irra dhaabuuf ni hojjetama.
Carraa hojii dhaabbii miiliyoona 2.2 uumuuf ni hojjetama jedhaniiru.
Liqaan Birriin Biiliyoonni 5 ol dargaggootaaf akka mijatu karoorfamuu kaasanii, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf oomisha biyya keessaarratti xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetama jedhaniiru.
Bara baajataa dhufu kana galii Birrii biiliyoona 78.1 ol sassabbaaf karoorfamuus eeraniiru.
Tajaajila lammuummaan hojii Birrii biiliyoona 62.9 baasu raawwachuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment