Bara 2015 haleellaa saayibarii ittisuun Birrii biiliyoona 23.2 baraaruun danda’ameera-BNOB

Finfinnee, Adoolessaa 17, 2015 (FBC)- Bara Baajtaa 2015 haaleellaa saayibarii ittisuun Birrii biiliyoona 23.2 baraaruun akka danda’ame Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksisee.

Bulchiinsichi raawwii karoora bara 2015 ilaalchisuun ibsa kenneera.

Ibsicha kan kennan Daayrektarri Olaanaa Bulchiinsichaa Solomoon Sookaa, bara baajatichaatti waliigalaan haleellaan saayibarii kuma 6 fi 959 mudachuu himaniiru.
Halleellaawwan mudatan kanneen keessaa kuma 6 fi 768 yaaliin fi 191 ammoo rawwatamuu himaniiru.

Bara baajataichaatti dhaabbilee 123 irratti qorannoon gaggeeffameen hanqinaaleen haleellaa saayibariif saaxilan 652 argamuu dubbataniiru.

Hanqinaaleen kanneen keessaa 185 miidhaa olaanaa geessisuu kan danda’an akka ture himaniiru.

dhaabbilee faayinaansii, tikaa fi nageenya, miidiyaalee fi dhaabbilee mootummaa ijoo ta’an fa’aan xiyyeeffannaa haleellaa saayibarii akka turan eeruun, hojiin ittisaa cimaan utuu hinhojjetamnee tajaajilootaa addaan kutuu fi ragaalee iccittii hatuun kufaatii olaanaan kan mudatu ture jedhan.

Haaluma kanaan, ittisa haleellaa saayibarii hojjetameen Birrii biiliyoona 23.5 baraaruun akka danda’ame Obbo Solomoon ibsaniiru.

Kana malees teeknooloojiiwwan akka biyya keessaa seenaniif eeyyamaman kuma 4 fi 336 keessaa teeknooloojiiwwan 583 yaaddoo nageenyaa kan uumaan ta’uurraan akka biyya keesaa hinseensifamne taasifameera jedhaniiru.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment