Finfinnee,Fulbaana 18, 2014 ( FBC)- Manneen barnootaa magaalaa Finfinnee hundaa keessatti kaffalttiin barnootaa barattoota idilee bara barnootaa 2014tti adeemsa duraan kan ji’a 10 hordofuun hojiirra kan oolu ta’uu Abbaan Taayitaa ga’umsaa fi mirkaneessa barnoota magaalichaa beeksiseera.
Itti aantuu Hojii gaggeessaituun Abbaa Taayitaa Mirkaneessaa, Ga’umsa ogummaa, Qulqullina, Leenjii fi Barnoota Magaalaa Finfinnee Aadde Fiqirte Abarraa akka himanitti, bara barnoota 2014tti barattoota idilee kaffaltii barumsaan manni maree ministeerotaa bara 1987tti labsii lakkoofsa 206/87 baaseen kaffaltiin barnootaa haala kaffaltii sirna barnootaa baatii kurnan darbaniin guutummaa guutuutti kan raawwatu ta’uu himaniiru.
Sirni kaffalttii barnootaa waggaatti ji’a kudhanii kun Ityoophiyaatti waggoota dheeraaf hojiirra oolaa kan jiruu fi bara barnootaa tokkoof kaffalttii ji’a kudhanii akka jedhamus ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.