Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Bara 2014tti lafti hektaarri miiliyoonni 6.3 oomishaalee adda addaatiin kan uwwifamu ta’uu ibsameera.
Bara oomishichaa callaa kuntaalni miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 14 fi kumni dhibbi 3 ol kan eeggamu ta’uu Yaa’ii Caffee Oromiyaa gaggeeffamaa jirurratti ibsameera.
Qamadii jallisii marsaa lamaan lafa hektaara kuma dhibba 6 fi kuma 7 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 16.3 argachuuf karoorfamuu eerameera.
Biqiltuu biiliyoona 4.8 qophaa’e lafa hektaara miiliyoona 1.5 irra dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu himameera.
Hojii dhabdoota miiliyoona 1.5f carraa hojii uumuuf karoorfamuus dubbatameera.
Manneen barnootaa sadarkaa tokkooffaa kuma 15 fi 50 gara 15,150tti sadarkaa 2ffaa 1,310rraa gara 1350tti guddisuuf ni hojjetama jedhame.
Haadhoolii dhaabbilee fayyaatti dahaan %74rraa gara 77tti guddisuuf,maatii miseensa inshuuraamsii fayyaa %60 ture gara 80 olitti guddisuuf karoorfamuu himameera.
Aadaa oromoo guddisuuf qorannoowwan gurguddoo garaa garaa 9 ni gaggeeffamu jedhame.
Sirna Gadaa kutaa barnootaa 1 _8 keessatti kennamaa jiran kutaa 9 _ 12tti akka kennamuuf kaarkuulamiin akka qophaa’u ni hojjatamaa jedhan preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.