Bara 2014tti indastiriiwwan damee maanufaakchariingii kuma 2 fi 761 hundaa’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Bara 2014’tti indastiriiwwan damee maanufaakchariingii haaraa kumni 2 fi 761 hundaa’uu Misoomni Intarpiraayizii Ityoophiyaa beeksise.

Misoomni Intarpiraayizii Ityoophiyaa gamaaggama raawwii karooraa bara 2014 bakka hoggantoonni federaalaa fi naannolee akkasumas, Baankiin Misoomaa fi qaamoleen biroon argamanitti gaggeeffameera.

Daayrektarri Olaanaa Misooma Interpiraayizii Ityoophiyaa Obbo Birruu Waldee, bara baajataa xumurametti, indaastiriiwwan oomishaa babal’isuun oomisha biyya keessaa guddisuu fi sharafa alaa dabaluuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bara 2014ttis industiriiwwan maanufaakchariingii haaraa giddugaleessa fi gadaanaa kuma 2 fi 761 hundeessuun akka danda’ame kaasaniiru.

Kanaan lammiilee kuma 148 fi 494’f carraan hojii uumamuu Obbo Birruun ibsaniiru.

Waldaalee IMX kuma 2 fi 374 gara indaastirii jalqabaatti, indaastiriiwwan jalqabaa 479 gara giddugaleessatti, indaastiriiwwan giddugaleessa 53 ammoo gara indaastirii olaanaatti ce’uu isaanii eeraniiru.

Indaastiriiwwan kanneeniin oomishaaleen oomishamanii gabaa alaatiif dhiyaatan galii Doolaara miiliyoona 31.5 argamsiisuu ibsanii, hanqinaa kaappitaalaa intarpiraayizootaa hambisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.

Bara baajatichaatti, indaastiriiwaaan naannoleetti argaman kaappitaalli hojii Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 474 fi kumni 770 fi 487 liqiin kennamuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment