Bara 2014 humna elektirikii gurgurtaan Jibuutii fi Sudaaniif dhiyaaterraa galiin Doolaara miiliyoona 95 ol argame

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Bara 2014 humna elektirikii Jibuutii fi Sudaaniif gurgurtaan dhiyaaterraa Doolaarri miiliyoona 95 ol galiin argamuu tajaajillii elektirikii Ityoophiyaa beeksise.

Daayrektarri Kominikeeshinii Tajaajilichaa Obbo Mogas Mokonnin, dhaabbatichi gurgurtaa elektirikii jimlaan maamiltoota biyya keessaa fi alaaf akka dhiyeessu himaniiru.

Bara baajataa xumurame 2014’tti Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaaf, maamiltoota fayyadamtoota humna elektirikii olaanaa, akksumaas Sudaanii fi Jibuutiif gurgurtaan dhiyaassuun galii walitti qabuu danda’eera.

Haaluma kanaan tajaajilichi Meeggaa Waattii kuma 9 fi 472 dhiyeessuu ibsanii, maamiltoota fayyadamtoota elektirikii olaanaa %90 akkasumas Daandii Baaburaa Ityoo Jibuakrooraa qabame keessaa humna elektirikii %116 dhiyeesuun akka danda’ame eeraniiru.

Dhaabbatichi bara baajataa xumurame, Jibuutiif Giiggaa Waattii 527 dhiyeessuuf karoorfamee Giiggaa Waattii 611 dhiyeessuun akka danda’me, Sudaaniif ammoo Giiggaa Waattii kuma 1 fi 93 sa’aatiitti dhiyaachuu ibsaniiru.

Waliigalaan, bara 2014 biyyaa keessaa fi alaaf Giiggaa Waattii kumni 12 fi 30 dhiyaateera jedhan.

Gurgurtaa humna elektirikii kanaarraa galiin Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 95 argamuu ibsaniiru.

Humna elektirikii Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaaf dhiyaaterraa Birri biiliyoona 11 akkasumas daandii Baaburaa Ityoo Jibuutiirraa ammoo Birrii miiliyoona 364 walitti qabamuu eeraniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment