Bara 2014 bittaa meeshaalee wal’aansaaf Birrii biiliyoonni 42 ol baasii ta’eera

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) – Bara 2014 baasii Birri ibiiliyoona 42 oliin qorichootaa fi meeshaalee tajaajila wal’aansaa tajaajila fayyaa hawaasaaf oolan dhiyaachu Bulchaan Baankii Biyyaaleessa Ityoophiyaa Yinnaagar Dassee ibsan.

Tajaajilli Dhiyeessii Qorichootaa Ityoophiyaa bara 2014tti adeemsa lakkaawwii kuusaa galteewwan wal’aansaarratti waltajjii gamaaggamaa gaggeesseera.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa fi Walitti Qabaan Boordii Tajaajila Dhiyeessii Qorichootaa Ityoophiyaa Yinnaagar Dasseen waltajjicharratti akka ibsanitti, mootummaan dhiyeessii qorichootaaf xiyyeeffannaa kennuun baajataa olaanaa ramaduun deeggarsa barbaachisaa taasisa jira.

Akka biyyaatti rakkoolee naannawaa garaagaraatti mudatan Ministeeraa Fayyaa fi Tajaajila Dhiyeessi Qorichootaa waliin ta’uun hojiilee bal’aa gaggeesuu ibsanii, fuldurattis qindoominaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Dhiyeessi Qorichootaa Ityoophiyaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloo akka ibsanitti, meeshaalee wal’aansaa fi qorichoota fayyisummaa fi nageenyummaan isaanii mirkanaa’e gatii madaalawaa fi haala ga’aa ta’een dhaabbilee fayyaaf gama dhiyeesuutiin bu’an argameera.

Baranas adeemsa bittaa saffisiisuuf, hanqina fooyyessuu, gama to’annoo sirna dhiyeessii cimsuutiin hojmaanni ammayyaa’aan diriiruu dubbataniiru.

Keessumaa hanqina adeemsa lakkaawwii kuusaa galteewwan wal’aansaarraa ture hambisuun yeroo ammaa hojiin jijjiirama olaanaa fidu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment