“Baqattoota Eertiraa waldhabdee keessatti hirmaatan hatattamaan Israa’el akka gadhiisan nan barbaada”-Beeniyaamin Netaaniyaahuu

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)- Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun magaalaa Teel Aviv keessatti baqattoonni Eertiraa waldhabdee keessatti hirmaatan hatattamaan Israa’el akka gadi lakkisan kan barbaadan ta’uu dubbatan.

Dhimmicha ilaalchisee Netaaniyaahuun yaada kennaniin Afrikaanota baqattummaan Israa’el keessa jiran hundi hatattamaan biyyattii gadi lakkisuuf akka itti yaadan hubachiisuu Associated Press gabaaseera.

Ministirri Muummee biyyattii kana kan jedhan guyyaa kaleessaa lammiilee Eertiraa poolisii Israa’el waliin walitti bu’uu keessa galuu hordofeeti jedhameera.

Walitti bu’iinsa Kibba Teel Aviv keessatti uumameen namoonni kudhanii ol madaa’uu gabaasni kun ni mul’isa.

Baqattoonni Eertiraa Israa’el keessa jiran waldhabdee uumaniin mukkeena ijaarsaa, sibiilaa caccabaa fi dhagaa fayyadamaniiru.

Akkasumas foddaa suuqiiwwanii fi konkolaataa poolisootaa caccabsaniiru jedhame.

Poolisiin Israa’el hokkara bittineessuuf tooftaalee garaagaraa fayyadamuun hookkaricha to’achuuf tattaawwii taasisuun gabaafameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment