Baqattoonni Liibiyaa keessa turan kumni 50 gara biyyarraa dhufanitti deebi’an

Finfinnee, Gurraandha 25, 2012 (FBC) –  Baqattoonni Liibiyaa keessa turan kumni 50 gara biyyarraa dhufaniitti deebi’uu isaanii dhaabbanni Yaa’insa Baqattootaa Idila Addunyaa beeksise.

Bara Faranjootaa 2015 eegalee Baqattoonni Liibiyaa keessa turan kumni 50 fedhii isaaniin gara biyyarraa dhufaniitti deebi’uu isaanii dhaabbatichi  beeksise.

Baqattoonni kunneen bara 2015 eegalee deeggarsa namoomaa dhaabbatichi taasisuun Liibiyaa keessa turuutu ibsame.

Gara biyya isaaniitti imaluu osoo hin eegaliin qorannoon yaala fayyaa godhameefira jedhame.

Baqattoonni kunneen biyyoota Afrikaa fi Eeshiyaa 44 irraa kan dhufan ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.

Akka ibsa dhaabbatichaatti baqattoonni kunneen yeroo biyya isaanii ga’an deebisanii dhaabuuf deeggarsi leenjii ogummaa fi diinagdee ni godhamaaf jedhame.

Akka tilmaama dhaabbatichaatti baqattoonni seeraan alaa kumni dhibbi 6 fi kumni 50 ol  Liibiyaa keessa kan jiran yoo ta’u, baqattoonni kumni 6 buufata baqattootaa keessatti argamu jedhame.

Erga bara Faranjootaa 2011 as Liibiyaatti tasgabbiin  nageenyaa dhabamuun baqattoonni kunneen biyyatttii ka’umsa godhachuun galaana Meediitraaniyaanii qaxxamuun gara biyyoota Awrooppaa garaagaraatti akka ce’aniif carraa gaarii uumee jira jedhame.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment