Baqattoonni lammiilee Ityoophiyaa karaa seeraan alaa gara Afrikaa Kibbaatti imalaa turan lubbuun darban

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Baqattoonni lammiilee Ityoophiyaa karaa seeraan alaa gara Afrikaa Kibbaatti imalaa turan lubbuun darban.
 
Baqattoonni lammiilee Ityoophiyaa karaa seeraan alaa gara Afrikaa Kibbaatti imalaa turan Mozaambikitti konkolaataa keessatti ukkaamfamuun lubbuun darbuu lubbuun darbuu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksise.
 
Waajjiri Ministeera Dhimma Alaa FDRI balaa lammiilee Ityoophiyaarra qaqqabeen gadda itti dhaga’ame ibsuun maatii fi firoottaniif jajjabina hawwweera.
 
Lammiileen kuni konkolaataa Maalaawii irraa gara Mozaambiik keessatti du’anii argaman.
 
Ministeerichi baayyina lammiilee lubbuun darbanii fi odeeffannoo dabalataaf fuulduratti kan ibsu ta’uu himuu, dhimmicharratti Imbaasii Ityoophiyaa Afrikaa Kibbaatti argamuu fi miseensoonni koree Ityoophiyaa Mozaambiikitti argamu waliin hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
 
Akka gabaasa BBCtti baqattoonni lammiileen Ityoophiyaa 64 karaa seeraan alaa gara Afrikaa Kibbaatti qajeelaa turan Mozaambikitti konkolaataa keessatti ukkaamfamanii lubbuun darbaniiru jedha.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment